BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
Oduu
Itoophiyaan dippilomaatonni Ertiraa sa'aatii 48 keessatti akka bahan ajajuu hordofee Ertiraan deebii kennite
Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa deebii gocha diinummaa fi tuttuqqaa Ertiraan kallattii fi al-kallattiin Itoophiyaa irratti raawwachaa jirti jedheef embasii biyyattii Asmaraatii qabdu cufuuf murteessuu beeksise.
Finfinneetti halkan waarii dho'insi dhaga'amuu jiraattonni himan
Namoonni Finfinnee bakka gara garaa jiraatan BBC Amharic dubbise kaleessa hlkan sa'aatii 6:00 booda dho'nsa jabaa dhaga'uu dubbatan. Burqaan Oduu Rooyitars gamasaatiin maddeen dippilomaasii eeruun Finfinnee keessatti Kamisa halkan waarii dho'insi dhaga'amuu gabaaseera.
KALLATTIIN, Itoophiyaan dippilomaatiin Masirii sa’aatii 48 keessatti akka biyyaa bahu hubachiifte
Ministirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo mariin jila Iraan waliin taasisan akka yaadanitti deemuu didnaan jilli kun yeroo kannameef dursee akka Niwu Yoork keessaa ba'u ajaja dabarse.
Buna ykn sha'ee baayyee ho'aa dhuguun carraa kaanseriif saaxilamuu dabala -Qorannoo
Buna fi sha'ee baayyee ho'aa ta'e dhuguun carraa dhibee kaanseriif saaxilamuu akka dabalu qorannoon Yunaayitid Kingidam (UK)tti taasifame mul'ise.
Loltoonni Ertiraa daangaa Itoophiyaa seenuun lola banan jedhe mootummaan Naannoo Affaar
Loltoonni Ertiraa daangaa Itoophiyaa seenuun TPLF waliin ta'uun lola banan jechuun Mootummaan Naannoo Affaar ibse. Loltoonni Ertiraa kun Naannoo Affaar keessatti TPLF waliin ta'uun humnoota mootummarratti lola banuu kan himan Obbo Mohaammad, loltoonnifi meeshaaleen waraanaa Ertiraa booja'amuus dubbatu.
Bunaafi Oromoo: Aadaafi hawaas-dinagdeen olitti
Oromoo biratti namni erga buna dhugee ka’ee, “Bunaa fi nagaa hin dhabinaa” jedha. Ummatoota Itoophiyaa hunda biratti bunni iddoo guddaa qaba. Nyaataa fi dhugaatii bira darbee tajaajila aadaa fi hawaas-dinagdee keessatti dhimma itti bahama.
Fiigicha badhaasa hanga birrii miiliyoona 1 argamsiisu dabalatee taateewwan Irreechaa ijoo
Irreecha bara 2026 waliin walqabatee taateewwan adda addaa magaalota Finfinnee fi Bishooftuu dabalatee kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti gaggeeffamaa jira.
Dubartiin duuti itti murame qoricha ishee ajjeesuuf waraanamterraa haftee hospitaala galte
Ameerikaa bulchiinsa Teensii keessatti hidhamteen duuti irratti murtaa'e Kiriistaa Paayiik qorichi ishee ajjeesu al lama kennamuufis onneen ishee rukuttaa waan dhaabuu dideef hospitaala geeffamteetti jedhan abbaan alangaa.
Netaaniyaahuun paayileetiin balaliisaa biraa waraanuun xiyyaara Israa'el deemaa ture kuffiisuuf yaale to'atamuu hime
Xiyyaara Dubaayii ka'ee gara Tel Aviiv imalaa ture irratti paayilatoota gidduu walitti bu'insi dhalatee paayalatiin tokko waraanamuu booda imalli xiyyaaraa gufate.
Finfinneefi naannawaasheetti diroonii balaliisuun dhorkame
Tajaajilli Odeeffannoofi Nageenya Biyyaalessaa Yeroo hin murtoofneeef Finfinneefi naannawaasheetti diroonii kamuu balaliisuuf hayyamni akka hin kennamne beeksise.
Waa'ee xiyyaara balalii gara Israa'el irratti gufachuun Sa'uudii qubatee maal beekna?
Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu taatee xiyyaara Dubaay irraa gara Tel Aviiv balali'aa ture mudate duuba eenyu akka jiru dubbachuuf yeroonsaa ganaadha jedhe.
Wal argaan Instagram BBC Afaan Oromoo!
Waan gurra itti qeensitan miidhagsinee ijaafi gurra isin buusna.
BBC Afaan Oromoo TikTokiin dhufe, hordofaa
Odeessa bakka biraatti hin arganne, hawwatoofi isin maalalchiisan argachuuf nama jalqabaa ta’aa
YouTube BBC Afaan Oromoo
Viidiyoo, Humnoota federaalaafi humnoota Tigraay gidduu lolli eegale
Kaaba Itoophiyaa Naannoo Tigraayitti humnoota federaalaafi humnoota Tigraay gidduu walitti bu'iinsi eegale.
Viidiyoo, Haleellaa Wallagga Lixaa Warshaa Warqee Tulluu Kaappiitti mudate kan beeknu
Pirojektiin Warqee Tulluu Kaappii Godina Wallagga Lixaa, aanaa Ganjiitti argamu rakkoo nageenyaa walqabatee hojii dhaabeera.
Viidiyoo, Faayidaawwan shubbisaa afur amanuuf ulfaatan ogeeyyiin ibsan
Shubbisni sochii qaama qofa isinitti fakkaata ta'a. Garuu sochii sammuu guddaadhas.
Viidiyoo, Gaanfa Afrikaatti biyya kamtu humna qilleensaa Itoophiyaan dorgoma?
Gaanfaa Afrikaatti Itoophiyaan humna guddaa qabaattus, olloonni ishees deeggarsaan humnasaanii cimsachuurratti argamu.
YouTube BBC Afaan Oromootti makamaa
Maaltu haasa'ama?
Humnoonni Tigraay buufata xiyyaaraa Maqalee jiru 'to'achuu' booda balaliin haqame
Humnoonni Tigraay guyyaa Roobii ganama buufata xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa magaalaa Maqalee jiru to'achuun isaanii erga dhagahamee booda balaliin gara Tigraayitti taasifaman adda citan.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
''Jigiidha'' - Tumsa hidhattootaafi akeeka MM Abiy irratti xiinxala Jawaar
Akka xiinxalaan siyaasaa Jawaar Mohaammad jedhutti, wal ta'iinsi hidhattoota kanaa ''tumsa sirna ijaaruu osoo hin ta'in tumsa sirna diiguu qofa'' dha.
Walta'iinsi hidhattoonni taasisan 'qilleensarra qofa jira' - Jen. Hayiluu Gonfaa
Itoophiyaa;- Tibbana hidhattoonni Itoophiyaa torba waraanaan mootummaa aangoorraa buusuuf qindoomuu isaani ilaalchisee waanti gama mootumman jedhame maali? Dhimma nageenya irratti gorsaa Perizdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa kan ta'an Birgaadir Jeneraal Hayiluu Gonfaa waanti jedhan kunooti.
Hidhattoonni Itoophiyaa torba mootummaa loluuf qindoomina uumuu ibsan
Hidhattoonni Itoophiyaa keessa socho'an torba ''dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu'' jechuun maqaa Tibibbir Lehilliwunnaa jedhuun qindoomina haaraa uummachuu Hoogganaan Sochii Biyyaaleessaa Faannoo Amaaraa Obbo Zammanee Kaasee miidiyaa Tigraay irratti ibse.
'Waan akkasii arginees, eegnees hin beeknu' - Qonnaan bultoota midhaan facaasan lafaa ol hin ba'in hafe
Ongeen kanaan dura bakkaa bakkatti darbee darbee mul'ata kan jedhu jiraataan aanaa Bookee kun, kan baranaa kun guutummaatti ta'uus hima.
Oduufi xiinxalli kallattiin akka isin bira gahuuf Chaanaalii WhatsApp BBC hordofaa
Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.
Ameerikaan qoqqobbii sababa waraana Tigraayin Ertiraarra keessee turte kaaste
Bulchiinsi Pirezidaant Donald Tiraamp qoqqobbii humna Ittisaa Ertiraa fi dhaabbilee biyyattii tokko tokkorra kaa'amee ture kaasuu beeksise. Murteen kun Jimaata, kaleessaa Fulbaana 18, 2026, Ameerikaadhan beeksifame.
ABO-WBO dhimma Gamtaa Tsimdoo fi 'Faannoo' Wallaggaa irratti maal jedhe?
ABO-WBO gamtaa humnoota mootummaa Itoophiyaa mormuuf ijaaramanii Tsimdoo jedhamu keessa akka hin jirre ibse.
Baqattoonni Itoophiyaa waraana Huutii gidduutti danqaman birmannaa gaafatan
Baqattoonni Itoophiyaa Yaman jiran waraana Huutii akkaan babal'ataa jiru gidduutti danqaman birmannaa gaafataa jiru. Magaalaa Sana'aa qabatanii kan jiran hidhattoonni Huutii kutaaleen Yaman gara kaabaa hedduunis to'annoosaanii jala jira.
'Harka keenya galeera, ABO-WBO beektaa naan jedhe' - Maatiin Obbo Daani'el maal jedhu?
Haleellaa hidhattoonni Godina Wallagga Lixaa Aanaa Ganjii warshaa oomisha warqii Tulluu Kaappiitti raawwataniin maatiin miseensa maatii dhaban akka qoratamu gaafatan.
Obbo Taayyee Danda'aa dhuguma sanada dhiifamaa mallatteessuu didee?
Obbo Taayyee Danda'aa dhuguma sanada dhiifamaa mallatteessuu didee? Hidhamtoonni himanni isaanii akka adda cituuf haaldureen mootuummaan kaa'e maali?
Ispoortii
Atileet Tigist maraatoonii Barliin irratti erga miidhamtee maal keessa jirti, egeree isheef yaaddessaadhaa?
Atleet Tigist Asaffaa erga maraatoonii Barliin irratti miidhaan isheerra gaheen booda wallaansa baqsanii yaaluu milkaa'aa ta'e gaafa Wixataa taasifachuu ishee leenjisaan ishee BBCtti himeera.
'Siitiin waancaawwan injifate akka dhabu yoo murtaahes Yunaayitidiif hin malu'- Rooniy
Maanchister Siitiin himannaawwan seera faayinaansii cabsuun irratti dhiyaateen badiin irratti argamuu booda waancaa mo'ate akka dhabu yoo ta'e waancaan kamuu Yunaayitidiif hin maluu jedhe taphataan duraanii garichaa Waaynii Rooniy.
Haakariin Maanchistar Siitii barbadeessuuf yaale Ruyii Piintoo eenyu?
Maqaan Ruyii Piintoo jedhamu maqaa deeggartoonni Maanchistar Siitii akkaan beekanidha. Deeggartoonni kilabichaa maqaa nama kanaa qofa osoo hintaanee hojiisaas sirriitti beeku. Piintoon haakarii lammii Porchugaal kilaba kubbaa miilaa beekamaa Maanchistar Siitii galaafachuuf yaaledha.
Hireen Maan Siitii itti aanu maal ta'a? Gadi bu'uu? Waancaan irraa fudhatamuu? Ol iyyachuu?
Seera maallaqaa Piriimer Liigii cabse jedhamuun Maanchester Siitiirratti himannaawwan 115 waggaa lamaa oliif irratti dhiyaate dhumarratti murtee argateera.
'Kallattii jireenyaa koo kan jijjiirte haadha manaa kooti'
Addunyaa kubbaa miillaa keessatti Mikeel Arteetaa akka taphataattis akka leenjisaattis beekna, garuu gameessi kubbaa miillaa kun eenyu?
'Biraayitan Arsenaal ciibsee irra deeme' - Alan Shiirar
Dorgommiin Piriimeerliigii Ingiliz baranaa erga eegalee Arsenaal tapha Sambata Biraayitan waliin taasiseen 3-0dhaan mo'amuu osoo hin taane, gahuumsa gadaanaa kan itti agarsiisedha.
Biraayiten V Arsenaal: Kanaafi tapha biroo AI fi Saatan kennan maal fakkaata?
Taphoota kilaboota Piriimer Liigii Jimaata galgala irraa kaasee dhum-torbee kana gaggeeffaman keessaa kan Arsenaal gara dirree Biraayiten deemuun taphatu akkaan warra eegaman keessaati.
Kaarik ammallee 'dhiibbaan na dhiphisu hin jiru' jechaa jira, garuu dhiphachuu hin qabuu?
Maanchester Yunaayitid Roobii galgala taph Karabaa'oo Kaap marsaa duraarratti Biraayitaniin 3 fi 2'n mo'amee keessaa baheera. Kun ammoo Fulbaana 4 bara 1976 booda yeroo jalqabaatiif dirree isaarratti goolii 2 fi 0n dursaa osoo jiru mo'amuu isaati.
Naayiroobiin Shaampiyoonshiippii Atileetiksii Addunyaa 2029 qopheessuu mo'achuun Afrikaaf seenaa guddaadha- Haayilee Gabresillaasee
Atileetii jabaan Itoophiyaa, yeroo lamaaf shampiyoonaa Oolompikii fiigicha meetira kuma kudhanii (10,000m) ta'e, Haayilee Gebrasillaasee, Kibxata ganama "oduu dinqisiisaa" jechuun Afrikaa guutuu baga gammaddan jechuun murtoo seena qabeessa kana hordofee ergaa isaa dabarseera.
Arsenaal taphataa umrii waggaa 16 Maksi Dowmaan kunuunfachuu qaba- Arteettaa
Taphataa ol adeeman dorgommii Waancaa Karabaawoo irratti ga'umsa isaa addunyaatti mul'ise Maksi Dowmaan tumsaa fi hordoffii akka barbaadu leenjisaan isaa Mikeel Arteettaan dubbate.
Atileetiin Itoophiyaa Budaapestitti seenaa hojjette badhaasa birrii miliyoona 24 mo'atte
Atileetiin Itoophiyaa Likkinaa Ambaaw dorgommii Shaampiyoonshiippii Atileetiksii Addunyaa Altimetam jedhamuun Buudaapestitti gaggeeffame m5000 mo'atte.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaan hordofaa
Walitti bu'iinsa
Jiruufi Aartii
Ajaa'iba
Daataa qusachuu barbaadduu?
Daataa qusachuuf yeroo tokko tokko fuula barreeffama qofaa keenyaa ilaalaa.












































































































